You are on page 1of 32

LEARN.&.KNOW YOUR HISTORY!!! Soniyyee!!.

*YOUR WORLDLY LIFE IS EQUAL WITH YOUR WORK & ATTITUDE. SO HAVE GOOD ATTITUDE &DO GOOD!!

.eelaan ija ogbarruun kan jedhuufii Rakkoof hiikoo filmii OROMOO kan jedhu irraa assoosama bareedduu tana fudhadhee! Yoo qalbiiin Dubbiftan Waan baayee Irraa Hubachuu Dandeettan jedheetan Amana!!Walii galuuufi waliif amanamuun buuura guddinnaafi Takkummaaati!!Who do you become in nature? The Curious you? ? The Creative You? Contact information:abdiboru67@yahoo.com

Oromia space!

Finifinnee14.5.2006

DONT TOO LATE TO CHANGE YOUR ATTITUDE!! .

HAWASSA UNIVERSITY. *my opinions have changed,but not the fact that Im right!.A.Brilliant.
INISTITUTE OF TECHNOLOGY. *Minds are like parachutes. They are only function when they are open .

SCHOOL OF INFORMATICS. BENTA SINTA BEDASO. PROGRAM: DEGREE. DEPARTMENT: INFORMATICS. SPECAILIZATION: INFORMATION SYSTEM. CONTACT INFORMATION:bentasinta@gmail.com. *Act in the valley so that you need not fear those Who stand on the hill!Danish proverb. *if a million people say a foolish thing, it is still A foolish thing!.Anatole France.

Oromoshort stories.Assosamoota gaggabaaboo Oromoo. Mammaaksotaafi Assoosamoota gaggabaaboo Oromoo. N.B.assoosama gabaabaa kanaafi makmaaksota itti aanaan yoo qalbiiin dubbiftan waan danuu irraa hubattan jedheetan amana!!walii galuuufi waliif amanamuun waa hunda caala!!dubbisa gaarii!! Oromia Space. Soniyyee. Gatii qalbiii fuulduraaf!!.. Finifinnee 14.5.2006

Oromoshort stories.Assosamoota gaggabaaboo Oromoo.


Soniyyee kophaa kee maal asii goota? naan jette intalli diimtuu, dheertun ilkaan kaarruu takka, Dilbata ganama jia Waxabajjii Bara 2000. Ani wayta san Yunivarsiitii Finfinnee, kaampaasii guddaatti barataa waggaa sadafaan ture. Lammata akkanatti na hin waamin sin hin jennee? jedheeni ishiin na aarsinaan. Ati immoo baruma baraan muudiin sii hin galu. Waggaa sadii as turtee jirta, garu waan waggaa tokko as turte hin fakkaattu. Sanaaf hin rakkatin isin yoo nuuf ammayyoomtan nu gaha. Bartoota muudiin galeef jennee karra tokkaffatti suuraa keessan maxxansina. Tariis immoo jiinas buukii muudotaa irratis maqaa keessan barreesina, ammaaf garu maal si gargaaru? Baruumsa tokkotu naa galuu didee, xinnoo na qoachiisuu dandeessaa? Tole, mee yaa tau jedheen barumsicha ibsuufi jalqabe. Otoo daqiiqaa lamaa hin ibsiniif Soniyyee, Daamxoon bar na gaafatee jette Isa booddee hasofnaa, amma mee na dhaggeeffadhu Tolee, jette otoo hin fixin Intalli kun immoo gurbaa kanaa wajjin yoom jalqabdee? jette quba ishii qaqalloo gara dhiira fi dubartii wal hammatanii deeman tokkootti eeraa. Kaballaa itti cufi na godhe. Garuu mooraa keessatti nama tumuun dhorkaa waan taeef nan obse. Aarii koos akka na irratti hin beekne jedheen ishiif kan ishiin ilaaltu ilaaluu didee barruulee qoannuutti deebie. Sona dhiifama! Sin jeeqee? jette hidhi ishii xuxxessaa. Lakkii na hin jeeqnee jedhe aarii koo akka na irratti hin beeknee dhoksaa. Ilaa, qormaanni gahaa jira waan taeefi yaada Keenya sassaabbannee qalbiin yaa qoannu. Tolee, Sonniyyee! jette deebitee barrulee na wajjin ilaaluu jalqabde. Sarara lamaan tokko yoon ibsuuf hamoommachuu eegalte. Maal akka ishii godhu wallaalee otoon yaaduu Maaliif buna hin dhugne? naan jette Lakki, booddee dareen qaba waan taeefi asuma taaeen xinnoo ishii dubbisa; ati garuu dhaqii dhugi kophaa koo hin dhugu. Anis daree waanan qabuuf walumaan deemnee dhugneeti achumaan daree gallaa.

Lakki asuma naa wayyaa yoon jedhu Ati immoo kanuma badda, oduun namaa guutuu malee guyyuma tokko illee buna namaa hin bittuu? Qaanaeen wajjin deeme. Bunicha ajajannee teenyee haasauu eegalle. Oduun ishii martuu waayee abalu abalu akkas godhee ti. Yeroo baayyee matimini dhiira, gochamni dubartii dha, gochi jaalala. Yeroo tokko tokko garuu iddoon wal jijjira malee matihimnii fi gochamni dhiiraf dubartiin ala hin bau. Gochi garu jijjiiramuu dandaa :jibba-jibbite, jibbe, ganuu, gane gante fi kan kana fafakkaatan tauu dandaa. Otoo sammuu oduu kana hunda ittiin funaantu beekumsa ittin funaantee waa meeqa barte. Kaleessa Caaltuu wajjin teessanii yoo odeessitanin sin argejette ija babaasaa. Eyyeen, waliin turee Isheen bar, jaalallee qabdii Ana maaltu na dhibe Jechuun jaalalaa yoo barbaadee jedheen. Kan argine mara jaalalaa barbaanna taanaan; nuti beelada malee nama miti jedhe ija keessa yoon ilaaluu lafa ilaaltee akka qaanauu wayii taatee. Buna nuuf dhufe suuta jennee dhuguu jalqabne. Haallii ishiin buna ittiin dhugduun mataa isaantin haala addaa qaba. Qeexaloo, garuu eesa gahuuf, maal tauf akkas tauuf. Namni of tauu dhabe kan biraa akkeesuu yoo eegalu karaa duaa deemuu akka jalqabe hin beekuu? Raaji! Of ajjesaa orma jiraachisuu. * * * * Galgala yoon galu doormiin keenya garmalee ooee jira. Barattoonni adda addaa, muummee adda addaatii dhufanii achii wacu. Maali inni? jedhee otoo hin fixin nagaa gaafadhee gara dulaaba koottii fiige. Weel kaam jedhe Ibdoon sagalee furdaa odeessaa tokkoon. Akkam milkooftee? jedhe Maali? jedheen, maal akka nagaafate baruuf yaaddan dhamaaa Milkoofte! Hin milkoofne yoo jette waan ajaaibaati. Hanga ammaa, koman koorsii isatu hin fudhatin jetteetii kan hara si wajjin oolte maali jechuu akka barbaade naaf galeet

Isa dhiisi mee jedheen Hin qaanoftu moo? Hin milkoofne jettaa bar! kun milkii miti bar, ani jaalallee baayye , bayyee jaaladhu waan qabuuf kan biraa hin barbaadu Nuti bar jaalallee qabdaa siin hin jennee, koman koorsii fudhadhu jenne malee yoo jedhu hunduu giingisuu jalqaban Haasaa biraa hin qabdanii? Jaalala fagoo hin amanin, the nearest is the dearest, amma wayita kanatti maal akka hojjachaa jirtu beektaa fayyaalessa koo? Isheen waan feete hojjachuu dandeessi; sun mirga ishiiti. Ofi jette naaf yaa amanamtu, ofii jedheen ishiidha amanamaafi. Ofii jennee yoo walii amanamne wal amanna! Amma gaye dhimma keenyatti yaa deebinu jedhe Abdoon Akkuma dura mariianne, dhiifama warri barfattannii dhuftan; dhimmi keenya haraa; waaye waldaa barattootaa dhaabuuti; yoo walii galan alaa galan jedhee akkuma Oromoon mammaake walii gallee waldaa barattootaa tokko dhaabanna yaada jedhutu jira, isin yaada kana akkamitti ilaaltu? jedhee ijaan hunda keenya irra deeme Ibdoon. Ibdoon yunvarsiitii Finfinneetti, barataa saayinsii siyaasati. Ibdoon baachii koo waan taeef siritti wal beekna. Darbees, amma erga dormii tokko jiraachuu jalqabnee wagaa lammaffaadha. Yeroo kana keessa guyyaa tokko walti buunee hin beeknu. Ibdoon sabboonaa waan taeef barattoonni Oromoo martuu baayyee isa jaallatu. Hunduma caalaa immoo onnee qabeessii fi of kenniin ummata balaa kanaaf qabu barattoota biratti iddo guddaa isaa laatee jira. Innis kana baree haa tau ykn uumaa, yeroo hunda yaadaa harawaan dhiyaata. Ammas yaada kana kan kaase isuma. Garuu Ibdoon rakkoo tokko qaba jedhameet hamatama. Namoota kaabaa dhufan lafumaa kaee jibba. Kanaaf inni sababan qaba jedha. Sababni Kun garu tokkoof dhugaa; tokkoof dhugaa waan hin taanef yeroo baayyee dubbii falmii taa. Isaaf haccuuccaa, haxxummaa, yakka, saamicha fi kan kana fakkaatu qofatu kaabaa dhufa. Biyyattii kana keessatti guddinni dhugaa, aadaan dimookraasii fi bilisummaan waliigalaa kan dhufu ummanni jiddu galeessaa fi kibbaa iddo isaanii malu yoo argatan qofa. Sana yoo hin tain ni guddannaatti gadi guddanna jedha. Gama biraan immoo hamma barbaachisuu ol humnatti amana. Isaaf dhugaan homaa miti, yaada cimaatii cimaan laalee nama argisiisaa jedha. Faranjoonni addunyaa teenya karaa barbaadan kan oofan humna waan qabaniif. Ameerikaan addunyaa teenya irra

akka feeteti kan burraaqxu waan humna qabduufi. Gabaabumatti might is right kana irraa kan kae, maqaan Humnessaa kan itti bahe. Siree doormi irraa gamaa gamana wal ilaalaa barattoonni afur tataahanii falmii oaa geggeessu. Ani shanaffa dha. Jaalannus jibbinus duaafis yaa tau jereenyaa waldaa qabaachuun dirqama. Kanaafu, Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) kan jedhamu yoo dhaabne hoo? Dhaabun sirri taee, garuu beektota keenya wajjin dura otoo marianne hoo? jedhe Garoo Duube. Nan yaadadha dura mooraa yoo galu maqaan isaa Garoo miti Jaalataa Duube turee. Garuu fannisaa kaaffee akkasumas yeroo affeeran, nyaata qofa waan ajajatuuf, gurbaan kun garaa jaalata jedhanii Garoo jedhaniini. Ergasii asi hunduu Garoo jedhaan. Amma barattoonni baayyen keessattuu duuben keenya Garoonisa beeku. Maqaa isaa kan dhugaa seu. Lakkii Jaalataa (maqaa kana beekaa fayyadame) haraa boruu otoo jennuu yeroon dhumaatii, otoo waa hin hojjatin gidduutti hafnaa Yaaddoon kee naa gala, garuu wanta ariifannaan hojjatamu miti. Karaa of-eeggachaa deeman nagahan gahan. Hin ariifatin hin ariifannuu, lafa fiigichaan gahan lafoos hin hanqatanii. Dhugaan amansiisaa fakkaatee. Maal goonu? jedhe Ibdoon murtiin akka itti kennamuuf. Wadhakaan lakki lafa irra butuun icciticha alagaaf laachuu dha yoo jedhu Barattoonni lama bullee laalla jedhan. Ibdoo yeroo baayyee adeemsa akkasii kanatu yaaddoo keessa isa galcha. Walii galteef walii galtee dhabu. Walii hin galluuf walii galtee godhachuu. Walitti fiigu irra wal irraa fiigu. Egaa yaa bulu yoo jettanii boru saa kanatti asumatti argamnee yaa murteessinu. Beektota keenyaa wajjinis yaa mariannu. Garuu ribuu walii yaa gallu, yaa kakannu. Iciitii kana eenyuttuu hin himnu Hin himnu jedhani sagalee tokkoon. Ibdoon ni gammade, Ibdoo qofa mitii hundumatu gammade. Walii galtee kana Oromoo marti ayyana isaa irraa waan dhagahuuf gammaduu isaatuu oolaa? Mooji? Barii akkuman daree jalqabaa baradhee baheen gara doormii yoon deemu, intalli tokko karaatti na argitee,

sii Sona, adeemsi keessan kun siriidha amma? Maali nama tauu wajjin iccitiin yoo hojjattan? Maal? jedheen Akka nama homaa hin beeknee nama dhoksuu yaaltu garuu bukoon keessan ala jira jettee na biraa sokkite. * * * Akkuman bare dhaqeen kiisingi puulii teessoo gara bitaa jiru tokko irra taaee yaadan bade. Eenyutu iccitii kana baase? Maaliif? Akkana taanan hangam hojachuu dandeenya? Oduu? Waan hedduu cimoo taan dirqama fi quuqama lammii keenyaa waan qabnuuf ni marianna. Inni bulee oduu taee deebinee odeessina, oduu! Keessa dhabnee, keessoo dhabnee, keettoo dhabnee wal ijaarra jennee, wal diigna, wal qabanna jennee, wal gadi dhiisna. Hin gurmoofna jennee bittinnoofna. Lammii goota dhabe gurmuu mootii dhabe. Maalif? Maalif?? Maalif??? Oromoon saba walii hin gallee?jedheen of gaafadhe. Lakki seenaa wal dhabiiyyuu hin qabu. Saba ijaarsa cimaa, sirna gadaa qabu. Ofumaa deebse. Jaarraa kudha jahaffaa yaadadhe. Bara Gadaa keenyaa, bara akka nama tokkootti yaadnu. Bara sirna tokko jala jiru. Bara san guyyaan, keenya ture. Ihii, amma maal taane? Hin gaddine, otoon yaaduu naa dhufe. Sun waggaa dhibba sadii dura ture. Sanaa as sobni kun hanga baballachaa deemee wal irraa fagaachaa deeme jira. Odaa tokko dhiisee, odaa shanitti bulu eegalee ture. Kun baayyina ummattichaatii irraan yoo ilaallu rakkoo hin qabu. Garuu rakkoo kan tae Odaawwan gargar bahuun hubna naannoo umuun dhuma irratti iddoo tokko tokkotti dudhaa ganamaa gadi dhiisuun harkaa Abbootii Duulaa buuun mootummaa of-dandaan taan.Oromoon erga harka alagaa galee immoo ittuu gargar bahe jira. Akka inni wal qoodun isas lagaan qoodan, innis lagaan wal qoodu bare. Awaas gamni, Arsii, Waabe gamni Baalee.Ilmaan Siikoof Mandoo hin haafe. Gibee gamni Jimmaa, Dhedhesaa Gamni Wallaggaa, gamanni shawaa, Ilmaan Maccaa fi Tuulamaa, ilmaan Boranaa fi Bareentummaa lageen keessa yaaun ciccitee. Xaqlaayi gizaati, walitti qabanii lagan kukutanii bituuf, kifla haagarii, kutaa biyyaa, biyya lagaan kukutanii bituuf qoodaa, qoqqoodaa, hojii-manee waggaa dhibbaa Habashaa. Eenyumma mantaa dura hin qabneeni eenyuummaa amantaa ijaaru egale.Ati akkasii inni diina keeti, ati akkasii ajjeesi jannata gali. Ati akkasii jijjirii jannata galchi. Ee magan! Ee magan! Rakkoon keenya baayyachuu isaa! Ajaiba Rabbii! Rakkoon keenya baldhachuu isaa! Ummata waggaa dhibba sadii addaan cite, ummata jaarraa tookko gitni algaa lagaan addaan qoodee, kan of fakkeesee, kan isa hin fakkaatin fokkisiisee, eenyummaa isaa mulqee, hundee isaatti deebisanii eenyummaa isaa kadhaabanii hidda latiinsa isaa fayyisanii ijaarun hangam namatti ulfaata.Garuu abdii hin

kunnu. Amoolee baattaa jennaan deegarra ulfaattii? jedhe jedhama. Addaan ciccituufi diina walitti tauu caalaa hin ulfaatu. Ishoo galata! Hagana walii galuunuu walii galteef karaa banuu dha. Wali galuus baannu, walii galuuf carraaqna. Maaltu beeka? Maaltu beekaa, maaltu beekaa? Rabbi tokkichaa malee! *** Sonii, sona, soniyyee jettee gateetii koo qabaa. Garagaree laaleen; Maali, maal taatee yaadan akkas baddaa, bar atii yoo akkas taatuu garaan na badaa jettee na maddii teessee harka narra kayyatte. Harka ishii of irraa kaasen ija keessa ilaalee. Akka damaqinni wayi irraa dubbifama. Harka ishii ofi irraa waanan kaasef fakkaata. Deebitee immoo sagaleedhuma durii sanaan Sonii, dhimma cimaaf si barbaadan ture?jette Maalii nagaa mitii? Isa illee, nagaadhaa, wayi sitti? Maal inni dhoksaadha moo? Lakki dhoksaa illee mitii garuu Garu inni fixi kaa? Garuu dubartiin Yaanni ishii naa galuu yaalee, garuu yaa fixxu jedheen Garuu dubartiin ni deessii, dhirii ni dhalcha Eyi jettee rukuttaa jaalalaa tokko kolfaa, na rukutaa. Jechuun jettee ija dunuunfatte, Humna sassaabbachuuf fakkaata. Ammas Jechuun jettee, Maali jechuun, jechuun jettii, waan taate hin himattuu? Waraqaa tokko irratti barreessitee natti kennite.

Dhiifama garuu dubartiin dhiiraa hin gaafattu, waanuman bayyee si jaaladhu malee. Ati naa hubachuu didde malee ani bar haala adda addaan siif ibsuun yaaleen turee jettee lafa laalte. Homaa itti hin dubbanne calliseen yaadan bade, gara jaalallee kootii. Hidhii ishii fidee yoo hidhii kootti irkistun baannanee kae. Maal taatee naan jette kolfaa. Ilaa, hunduma caala iftumma kee keessattu, harqota dubartummaa kana cabsitee sin jaaladha jettee afani baastee na gaafachuu keetin bayyeen si dinqisiifadha. Ija irraa hafi. Garu ani jaalalleen ofii ol jaaladhun qaba. Ani ishii siin caalaa, ishee kiiloo afurii, ishee mataan ishii ciraaroo, cilaaloo fakkaatu sana mitii jaalallee koo kan jettu. Eyyee ishuma, ishuma fokkistuu sanitu anaaf faaya Ishiin illee sitti yaa haftu, si wajjin hin deemtu, nama akka keef Akka na biraa hin hafne beekan jira kanaaf, dhugaa jiru itti himuun qaba. Abjuu sodaaf taaani hin bulan, garaa citteen haa yaatu jedheen Ila, jaalala keef baayyee galatoomii, ani fedhii kiyyaaf jedhee jireenya kee balleessuu hin barbaadu yoon jedhu Maal jechuu akka barbaadde naa hin galle? jette. Dura waanan sitti himu hundaa iccitiin qabuuf waadaa naa gali Dhugaa Rabbii ,sonaan yaa duu nama tokkotti hin himu Egaa ani echi.ayi.vi (HIV) pozatiivi dha. Kana immo imaana sitti kennadhe, namatti najalaa hin himin jedheen itti garagalee laalee .Naatee waan taatu dhabdee jirti. Naatee, afaan qabattee na ilaaltee oto waan tokko hin dubbatin fiigaa na biraa sokkite. * * * Yommuun doormii gahu Ibdoon bayye gaddee taaee jira. Ibdoo maali taate? jedheen akkuman ol seenen. Sii dubbii san namatti wayi himtee ati? naan jedhe.

Ibdoo hanga haraa na hin beektu jechaa dha. Hiriyyummaan keenya akkanumaan jechaa dha, erga hiriyyummaan wal nu hin amansiisinii maaltu akka wal nu amansiisu hin beeku? Jechuun anis bar nan rakkadhee, wanti nuti mariannu martuu ala jira. Iccitii qabaachuu hin dandeenye akkanatti immoo maal hojjachuu akka dandeenyu ani hin beeku yoo jedhu Hundi keenyaa of yaa ilaallu Yaa ilaallu, garuu bar ani Eenyu shakkita? Gurbaa san hin amanu Gurbaa kam Duubee garoo, nama baayyeetu bar Abdoo dhimma kana duras irratti mariannee jirra. Ani kana itti hin amanu, anaaf kun cinqii miti. Mammaaksa Ameerikaa tokko beektaa. Ameerikaanonni, warri qarshii isaanii irratti Nuti Waaqatti amanna jedhanii barreeffatan, biyya keenya fayyada taanan, seexana waaqeffachuuf duubatti hin deebinu jedhu kanaaf ummata Oromoo hin taa taanan seexana wajjin maalif hin hojjanne. Ummata Oromof taa fayyada taanaan seexana wajjin maalif hin hojjannee? Eyyee, seexana wajjin maalif hin hojjanne Sona na dhagahi, xinnoo rakko beekumsa seenaa qabda jechuu dha. Waayee dhaaba kanaa yeroo baayyee deddeebiee sitti himee jira. Dhaabichi gaafuma dhaabatu, rakkoo ummata Oromoo haalan hubatee, rakkoo sanaaf furmaata laachuf kan dhaabbate taus, finciltoonni kaabaa garuu maqicha dhaabaa fayyadamuun Dargii kuffisuuf kan itti fayyadamanii dha. Dhugaadha wayta sanatti, Dargii kuffisuuf qofa Oromoonni baayyen gara dhaabichaa galanii jiru. Gaafa Dargiin kufee haallii hundu hin jijjirama jedhanii qabsaanii jiru. Rakkoon kan dhufe sana booda. Akkuma atuu jettu dhaaba kana akka dhaaba siyaasa tokkootti ilaalanii itti galan fayedaa Oromoof qabsaaun ni dandaama ture. Rakkon jiru garuu, haallii dhaaba keessa jiru sana hin eeyyamu. Dhaabicha keessa garee lamatu jira. Garee Oromoof garee biro. Lamaanuu ija hamaan wali eegu. Tokko Oromoof dubbata yoo tae ija hamaan ilaalamee Dhiphoo jedhamee rukutama. Akkanaan gareen kun lamaan waldiddaan wal-utubaa walii galtee walii hingalleen dhaabicha of- dadhabaa, gargaarsa kaabaa fedhaa godhanii kan hanbisan. Kanaaf furmaanni isaa maal jetta?

Furmaanni isaa duraan dursee dhaabni kun of dandaee adda taee dhaabachuu qaba. Kun salphaa hin tau. Maaliif yoo jette haallii inni keessa jiru murnoo kaabaa waan fayyaduuf, warri kaabaa fayeedaa kana dhabu hin barbaadan. Fakeenya siif yaa kennu. Dhaabni kun miseensa ADWUI kan tae bakka buinsa ummata Oromoon bakka bua jedhuutin miti? Garuu koree jeddu gaaleessa ADWUI keessatti ummata miliyoona soddomaa of duuba qabatee miseensa kudha shan qofa keessaa qaba. ABUTn garuu ummata miliyoona afurii qabateeti isa wajjin qixa nama kudha shan koree jiddu galeessaa keessaa qaba. Dabalata Angoon Addichaa fi biyyichaa qaqaliin hogantootaa ABUT fi kennama dha. Dimokraasin baayyina ummataatii, maaliif angoonis baayyina ummata bakka buaniitin hin kennamne? Kunii walumaa galatti shiiraa dhaabicha irra jiru argisiisa. Kan biro waan tokko of keessa hin qabu. Jechii tokko jira ABUT yoo qufaan qabe DHDUOotu haxxifata jedhu. Kana sii mirkaneesuf fagoo deemuu hin qabu. Bara 2001 wayta ABUTiin gargar fottoquu, DHDUOnis diigamu jalqabe. Isa Kan hanbisuuf gartuu fottoqxuu jedhamee Nama meeqatu ariame. Walumaa galatti dhaabni kun dhugaan Oromoo arrifannaan guddisu kan dandau yoo Oromootti deebie Oromummaan hojjate, yoo gammachuu ABUT/ADWUI dhiisee gammachuu Oromoof hojjate, yoo faayedaa ABUT/ADWUI dhiisee fayeedaa ummata Oromoof hojjate qofadha. Abdoo yaada kee gutumaan guututti nan fudhadha. Garuu akkana akkasi jechuun fala taaa? Abaaruu fi algeessuun furmaata taaa? Tole maali yaa goonu jetta ati? Ana kan natti fakaatu, hunduma caalaa tokkummaa Oromootti nan amana, nan wareegamas.Gama dhaabatti yoo dhufte garuu dhaabni hunduu ilaalcha mata ofii qaba.Ilaalchaa isaanii ilaalee, ciminaa fi laafina isaanii ilaalee, duuraaf duuba isaanii ilaalee qabxii kan kennuuf ummata Oromooti. Kanaaf immoo haala mijeessuun immoo itti gaafatamummaa bulchiinsa fi dirqama seenaa dhaaba aangoo qabate jiruuti. Akka kana duraa garuu siyaasa tokkoo afarsinee kan tokkotti bishaan naquun nu hin baasuu. Kan nu baasu garaagarummaa dhaabbilee siyaasaa keenya akkuma jirutti keenyee qabxii tokkummaa dhabbilee siyaasa keenya addatti baasun gabbisuutu nuuf taa. Yeroo sana shoora siyasa Oromoon baha Afrikaatti taphachuu qabu mirkaneessuun kan dandamu (oto jennuu Oromoon saba kophaa isaa garagartee musiliimaa fi kiristaanaa wal-dandeessisuun riqicha tokkummaa ummata gaanfa Afrikaa ijaaruu dandau dha. Maalif yoo jette saba kamii iyyuu caalaa amantiin gurguddaan lamaan keessatti argamu. Fakeenyaf Amaaraa yoo fudhatte bayyinaan Kirsitaana, Tigree yoo fudhate baayyinaan Kirsitaana, Sumaalee yoo fudhatte waluma galatti jechuu dandeessaa Islaama, Affaar akkas, ummanni biros. Kanaafi Oromon durii jalqabee riqicha amantii gaanfa Afrikaati, feekeenya waldandaisa amanitootaati.

Tarii immoo ummanni Oromoo cancula tokkummaa ummatootaa gaanfa Afrikaati. Kanaaf ragaa hin barbaachisu. Maaliif yoo jenne baha Afrikaa keessatti sabni Oromoon wal hin daangesineen saba muraasa. Kanaaf, kana baruun gahee Oromoon baha Afrikaa keessatti taphachuu qabuuf gumaachuuti isaani irraa eegama. Keessattuu luuxe-baatonni hayyuu kaabaa, gama tokkoon maqaa tokkummaan keessa olaantummaa ofii mirkaneeffachuuf wixxirfachuun kufaati irra maqimaqii isaan buusa. Gama biroon immoo buuura falaasma dimookiraasii, Bulchinsa hedduu; mirgaa bicuu (majority rule, minority right) otoo beekanuu dhaabbilee ofii bukeessanii tolchaniin gamtaa ijoollee walii hin gallee dhaabuu fi yeroof buluun fuuldura ummattootaa gaanfa Afrikaa dukkaneessun hooddii abdaa gochuu malee xiyyaa kallattii guddinaa muldhisu miti. kanaaf yeroon amma. Oto aduun hin dhihin. Erga dhihee dhidhiitachu irra otoo hin dhihin malachu, akkuma Oromoon, ifaan soratan,dukkana daakkatan jedhe yoon jedhu alaa balballi rurrukutame.Yeroo kanan hasaa dhaabee balbalicha banuu adeeme, yoon banu. Hi, akkam, Duuben hin jiru? Lakki hin jiru? Haaya, namni karra tokkoffaatti si barbaada na jein Nama akkamiitii? Baadiyyaa dhufani? Lakka boo, namtichi suufa wayyii diratee jira, nama magaala fakkaataa! Tole ittin hima yoon jedhu Kaaffen gaye, maaliif hindeemne jedhe gurbaan ergaa fide. Gahee jiraa? jedhee Abdoon saaa ilaalee. Harii shiroo waan taeef maaltu nu ariifachiisaa? jedhee afaanii otoon hin fixiin Koottaa isinin affeeraa jedhe gurbaan ergaa fide Lakki guyyaa biraa, yoo qarshiin sii dhufe Lakkii, maallaqni haraa waan naa dhufeef isin yaa affeeru jedhe Tolee jennee yoo bahu taanu Duubee Garoo teenshin booksii keessa riphee dhaggeeffatu keessaa. Qufaaa, eenyu inni kan na barbaadu? jedhe

Kolfi nu qabe, garuu immoo baayyee rifanne. Keessattuu Abdoon nahee achumatti hafe. Kotu namni karra tokkoffatti si barbaada jedheen gurbaan ergaa fide Dafee nu duukaa kae. Raajii oto waayee nyaataa dubbannee jirra tae iccitti keenya baha turee! * * * Erga laaqana nyaannee booda jaalallee Koo arguufan gara kiilo afurii deeme. Kiilo afur gahee yoon waamsisu hin jirtu. Egaa, yookin daree qabdi yookin namaa wajjin iddoo wayii deemte jedheen dhiise. Guyyaa lammaffaasi deebiee yoon gaafadhu hin jirtu naan jedhani. Duri guyyaa lamaa, sadiin wal arginaa turre. Ani hafu ishiitu dhufa. Ishiin haftu anatu dhaqa. Amma garuu asi buutee ishiin dhabe. Rakkannaanin hanga daree bartuu deemee barbaade.Hin jirtu. Hiriyyaa ishii argeen akkan barbaadu akka itti naa himtuu fi irbaatan booda saaa 6:00 tti akka naaf beellamtu imaanaa itti kennadhee deeme. Saaa jahatti iddoon itti beellame yoon gahu hiriyaa ishii malee ishiin hin jirtu. Ariifadheen safisaan gaafadhe.

Jiraachuu jirti, garuu si arguu akka hin barbaanne natti himte jettee calliste Maali, maalan ishii godhe jedhee yoon iyyu Hin iyyini, jaalala keessa rakkoon hin dhabamu. Inni guddaan garuu rakkoo uummame san ifaa fi bilisa taanii mariachutu furmaata taa jette. Anis hin shakkine, baayyee waanan jaaladhuuf iddoo shakkii hin qabu. Egaa itti toluu dide jedheen yaade malee. Ammas guyyaa sadaffaa deebie barbaadeen. Hin jirtu. Hiriyyaa ishiis argu hin dandeenye. Amma garuu baayyeen yaaddauu eegale. Waan tokkotu uumamee malee akkamiin akkas baddii. Rakkoon otoo hin jiraatin akkamiin akkasitti na dheessiti. Waanuma fee otoo taee bar hiriyyaa kootii, qaama wadhakaa koo jedhee otoon abdadhuu akkas na godhuun ishii baayyee na aarse. Garuu maal gochuun dandaa, jaalalli obsa hin qabne maraatudha ofin jedhe. Obsee yeroo ishiin kutaa dhaa baatu eegee maaluma akka taate gaafadha jedhe murteesse. Deemeen sagantaa barumsa ishii bakka beeksisni bahu ilaale. Guyyaa sana barumsa hin qabdu. Bariisaa garuu ganama saa 8:00 hanga 10:00 hin qabdi yeroo sana anis nan qaba kan koo yaa hafu mee ishumti maal taatee akka hafteen gaafadha jedheen murteessee kara dormii deeme. Guyyaa arfan darbe kana anis sirrii miti ishiinis sirrii miti. Ani yaaddoo jaalallee kootu akkas na godha. Dhugaadha otoon ishii hin argiin guyyaa lama oolee hin beeku. Haraa

garuu guyyaa arfaffaadha, kan durii irra dachaa lama. Namni immoo akkan waan ani mudoo wayii qabuu maalif na dheessuu? Kan dur oduu funaanuu na duukaa yaaan martuu haraa kophaatti na gatanii jiru. Kan dur si jaalanneen karaa deemu na dhoorkan amma ijaan argaa koo jibbu. Kuun hidhii xuuxu. Maalif jedhee of gaafachaa Kiiloo Afurii hanga kilo Jaha miila koon dhufe. Kiiloo Jaha yoon gahu intalli tokko dhuftee nagaa erga na gaafatteen booda Sona, homaa hin gaddin, kan akka kee bar nama baayyeetu jiraa naan jette. Maali jechuu akka barbaaddee naaf hin galle. Deebiseen maali jechuu keetii? jedheen. Jechuun fakkeenyaf ani vayirasii HIV wajjin kan jiraadhu dha yoo naan jettu waan biraa hin shakkine. Ila, HIV wajjin jiraachuun, dhuma jireenya miti. Ati immoo intala baratte. Abdii qabaachuu qabda. Yeroo isaa eegdee qoricha umurii dheeressu fudhachuu qabda. Hunduma caalaa gorsa ogeessa fayyaa fudhachuu fi hoji irra oolchuu qabda jedheen gara kaaffee biraa sokke.

Halkan ijji koo otoo qola hin galin yaadaa bulen, bariisaa otoo ishiin daree hin galin daree ishiin barattu gahee eeguu jalqabe. Gurbaa tokkoo wajjin harka walqabatanii kolfaa, fandalalaa yoo na bira gahan, ishiin yoo na argitu rifatte. Garuu waan tokko otoo natti hin dubbatin gara daree ol seente. Ani garuu waanan arge amanuun dadhabe. Tasa akkas na gooti jedhee hin amanne. Garuu abjuu miti. Gootee jirti. Lakki abjuu guyyaa tainnaa? Lakkii ijuma kootu argee. Obseen eeguu eegale. Obsan annan goromsaa dhugan; obsan warroomani jedha Alii Birraa. Saaan lama waggaa lama natti tae. Garuu homaa miti. Aarsaan jaalalaa kanaa oli jedheen sabare. Rooba ganama Waxabajjii qorra lafee nama cabsu. Haa tau gatiin jaalalaa kanaa oli. Gahuun hin ooluu saaan afur hin gahe. Amma kopha baatee jirti. Itti deemeen harka qabe. Iii, maal gochuu dhufte, gadi na dhiisi! jettee iyyite. Waan taate qofa natti himi, maal inni balleesan koo? Abbaa feetee wajjin sagaagaltee natti deebitaa?

Sagagaltee!. Eenyuu ani moo! Eenyuttan dubbachaa jira, ofii dhibeen faalamtee, anas dhibeen na faalufii maalan sigodhe, aarii na irra qabdaa? Yeroo kanan yaadadhe.Amma waan hunduu naaf ife. Oduu . Oduu Leensa, Sonaan pozatiivii dha siin jedhanii? Leensii, Leensii koo, ati ana hin amantuu? Ana irra oduu namaati amantee na gantee? Garuu sitti hin mufadhu. Oduun namaa muka jiidhaa bara gogsutti maaf si jijjiire jedhee sitti hin aaru. Garuu Waaqayyo tokkichi keessa koo, hojji koo ni beeka. Namni na hin amanu, inni garuu na beeka. Taus waadaa tokko naaf gali. Nu lamaanuu deemne qoratamna jedheenin imimmaan akka galoo fuula ishee irra gallisu irraa haqee. Homaa hin dubbannee Tolee fuulan naa mirkaneessite. Yoon oli jedhee ilaalu barattoonni nu marsanii jiru. Ammas, kun oduu dha. Oduu yaa odeessan. Otoo jennuu Leensaa oduun jiraachuu kee mirkaneessa. Namni hanga lafa kana jirtutti, waan gaaris hojjadhu waan yaraa waaye kee odeessuu hin dhiisu. Garuu gaafa duute namni xinnoo sitti hiiqufi hiriyyonni kee yeroo xinnoof hayii hin duutee jedhanii hidhii xuxxuuxaa si yaadatu. Waayee kees ni odeessu, turaa hanga deemtu namni maqaa kee dhahu ni dhabama. Sammuu namaa keessaa baata. Jaalalli kee, jibbi kee, miirri kee, kolfi kee waan halleen kee si wajjin awwaalama. Hanga jirtutti garuu kun hundu jira. Kanaaf oduu namaa hin jibbin. Jiraachuu kee waan mirkaneessuf. Namni waan tae odeessuf mirga immo qaba. Kana dhoorku hin dandeenyu jedheen gorsaa karraa baane. Kana caalaa nu lamaanuu walitti hin dubbanne. Nu lachuu yaada mataa keenyaa keessa galle. Ani hunduma caala ofan amana. Yeroo daaimummaa kanan rawwadheen ala walqunnamtii saalaa godhee hin beeku. Garuu oduun namaa ana iyyuu sodaachisaa dhufe. Namni HIV qabu hin huqqata waan jedhaniif jedheen ulfina koo ilaalen jira. Dhugaadha xinnoo hiriadheen jira. Dhugaa tainnaa. Qilleensa moo maal irraa na qaba. Maaltu beeka wanta qara qabuunis darbuu ni dandaa .Yoo taes homaa miti. Qorichi jira bar jedhee otoon yaaduu kinilikicha geenye. Maal yaadde? Nan sodaadhe? Jabaadhu, yoo taanes maal? ofi baruun waan guddaa dha bar! Seennee dhiiga kenninee deebii qorannoo eeguu eegalle. Ammas walitti hin dubbanne nu lamaanuu yaadan bannee jirra. Ani waayee oduun yaada ishiin maal akka yaaddu hin

beeku. Kana keessa na waaman. Akkuman ol seeneen fuula doktorichaa ilaale. Ifaa dha. Doktor, gorsi kan qoraannon duraa iyyu na gaha yoon jedhu. Kun eetiksii dha, kanaaf jedhee otoo hin fixin beeka garuu. Baga gammadde! nagatiivi dha Fiigen Leensaatti marame. Ishiinis nagativii jedhaniin. Walitti maramnee boonye. Warra wal nu dhabsiisuuf yaaleef boonye. Goomtaa keenya boonye. Jaalala keenyafis gammachuu jaalalaa boonye. Wal hammannee baane. Deemnee wal affeerre. Kana keessan Otoo jennu, gurbaan ganamaa sun maal inni? jedheen. Soni koo na jaalattaa? Akkamitti akkan si jaaladhu sitti himu Sonii, jette mataa gadi qabattee Hin sodaatin natti himi Baayyeen si jaaladha, baayyeen si amanaa ture, garuu pozatiivii dha naan jennaani nama biraa wajjin jalqabe. Dhiifama guddaan si gaafadha, ani akkas hin seene durbummaa Koo. Leensii Waadan keenyaa akkas hin turre. Oduu yoo dhageesse natti himuu qabdaa ture; egaa ammas jia sadiiin booda irra deebinee qoratamuu qabna Tole, Sonii Waldhungannee gargar baane.Baruumsicha findhee gara manaa galle. Jia sadii cinqiin dabarsinee Fulbaana dhuma irra wal argine. Ammas gaaffiin keenya doggogora darbe qulqulleeffannee wal amantaan waliin jiraachuf murteessuu dha. Kanaaf immoo qoratamuun dirqama. Haa tauu malee gara kootiin amma hanga duraa sodaan hin jiru. Keessattuu ani ofitti baayyee waanan amaneef dur huqadhe kanan fakkaadhe amma furdadheen jira. Duras ilaalcha koo taina? Mooji? Kiliniika dura itti ilaalamnetti deebinee dhiiga kennine. Ammas dura anatu waamame. Achi irraan Leensii. Amma waan tae amanuu hin dandeenye tasa hin taa jedhes hin amanne. Ishiin ammas hin iyyiti. Ana afaan na gogee jira. Doktarichi hamma dandae gorsuu yaala.

Leensii, ila gaafuma jaalala jalqabinu sitti himeen jiraa. Jaalalli keenya naa hooqii siin hooqa irratti miti kan hundaau kanan si jaaladhu waan najaalattuuf miti. Atumti nama jaalatamtu waan taateef malee. Kanaaf yoomiyyuu taanan ani sin jaaladha. Dhugaadha si fuudhee bultii hin godhadhu miti. Kanaaf hin gaddin HIV qabda jechuun duatti dhiyaatte jechuu miti. Maaltu beeka Sonii baayyen sii miidhe, yakkan sirratti hojjadhe. Jireenya keen daakarkeesse; dhiifama oduu namaa dhagaheen lafaa kaee si shakke. Aarii sanaan, waanan haaloo kee bahe seeen namootaa adda addaa wajjin bahuu eegale. Keessattu durbumma koo . Isa kan kanaan na gahe. Ani durba jennaanin innis nama biraa wajjin waan akkasii rawwatee akka hin beekne naa kakate. Anis hin shakkine ofgannoo malee mararfatte boose. Sosobuun yaale. Garu akka layyotti irranfachiisuu hin dendeenye. Haa tau malee yaalii baayyeen boodde naa miilkaaee irraanfachiiseee hanga galgala saaa lamaa waliin turee gargarii baane. Wayitan gara doormii deemu hunduu abjuu natti fakkaate oduu namaan marachuu, otoo hin hubatin qubaa gubachuu. Dhugaa otoo hin hubatin maraachu! Yeroon doormii gahu Abdoon hin jiru. Maalii! jedheen iyye. Poolisoonni qabanii deeman naan jedhan. Ati oduu akkamitti hin dhagahin. Oduun poolisoonni qabanii deeman. Oduunin hiriyyoota koo lamaanu dhabe. Wali irratti odeessuu malee yoom walitti odeessuu barree?
Finifinnee 14.5.2006

Walgayii sariiniifii mootii sariinii!

Mootiin saree rakkoo sariin qabdu irratti haasawanii murtii dabarsuuf jecha, sariin maraa walgahii waame. Diqqaanii/xinnaanii fi guddaan keenna/keenya hin kajeela. Yoo tuuttuu nuun jedhan, walmorka/waldorgoma kufaa-caba oriina, jedheeti dubbate. Maqaan nubadee, salphannee, asii achi yoo tuuttuu jedhanii isin waaman, kajeeluu fi ajajamuuf hin deeminaa, jedheen. Oduu waaema kana irratti haasawaa jiran, tuuttuu jedhanii waamanii jennaan, sariin walitti qabe/ walgahii waame dhiiseeti kajeeluuf biraa orie. Sariin martuu (hundinuu) waan walgayaniif dhiisaniiti kajeeluuf kufa-caba mootii isaanii duukaa orian.

Leencaafi qamalee.
Qamaleen oduu deemtu, leenca goomoon/kiyyoon qabetti dhufte. Bayuu dadhabee narraa bani, jedhee gaafannaan, banteefii baye. Guyyaa lama guutuu waan as keessa qooqa (agabuu) tureef, baaee beelayeeraa sinyaadha, jedheen. Eega (erga) sinyaadhu malee jette, jaarsaan walgayanneeti nanyaatta, jetteen. Oduu jaarsa bira dhaquuf deeman, saatti dhufan. Yaa saana, leenca kana goomoon qabee rakkatee narraa bani jennaan baneef. Goomoo keessaa baanaan, sinyaadha naan jedhee, mee dubbii kana nuu ilaalaa, jetteen. Yaa gowwaa, ilma namaa waan namarratti dalagu/hojjatu hin argituu? Ana kunoo naelmataniiti, aanan kiyya dhuganiiti, ijoolleedhan naguddifataniiti, naqalatanii, foon kiyya nyaatanii, haa sinyaatuu, jedheen. Ammas deemaniiti, mukatti dhufan. Yaa mukana, leenci kun goomoon qabee irraa bannaan sinyaadha naan jedhe, mee dubbii kana nuuf ilaalaa, jetteen. Yaa gowwaa, ilma namaa waan namarratti dalagu hin argituu? Kunoo gaaddisa kiyya jalatti roobaa fi aduu irraa dhooggee/dhoowwee, booda ammoo namuraniiti, mana naan-ijaarataniiti, barcumaa nagodhataniiti, deebisanii ibiddatti nagubanii, haa sinyaatuu, jedheen. Ammas deemaniiti, jeedalatti (sardiidatti) dhufan. Yaa jeedalloo (jeedo), leenca kana goomoon qabee irraa banee jennaan, si-nyaadha naan jedhee, mee dubbii kana nuuf ilaalaa, jetteen. Leenca hagana/hammana gau goomoon qabee, ati irraa banuun dhugaamiti; mee waan maraafuu/hundaafuu, beenaatii akka goomoon isa qabee ati irraa bante, naagarsiisaa, jetteen. Kaanii goomoo bira dhaqaniiti, Mee akka itti siqabe laalaa, keessa seenii natti muldhisi, jetteeti jeedalti leenca gaafatte. Leenci banatee keessa seennaan, goomoon itti cufame. Kunoo dhugaan tee baate, jetteen jeedalti qamaleedhaan. Mala kanaan leenca hidhatti deebifteeti, qamalee dua jalaa baafte.

Dubbiin makmaaksa hin qabnee fi ittoon soogidda hin qabne tokko

Mammaaksa (makmaaksa)-proverb:
Oromia is rich in a variety of ways, including natural resources, manpower and culture. Within the frame work of culture there is a wide range of heritage including music, dance, art and oral literature. In the area of oral literature Oromo language is immensly rich in Proverbs (Makmaaksa). It is deeply rooted in Oromo culture and almost everyone who was born or grown up in an Oromo culture can justify how makmaaksa is interwoven in the daily life of Oromos. In many places of Oromia, you can hardly find people who make a speech without citing a proverbial phrase. Makmaaksa can summarize a few dozen of sentences. Oromo elders, during mediation (dispute resolution process), spice their speech to attract the attention of their audience. A bad speech coated with mammaaksa Oromo has sometimes better audience attention than that of the good one without mammaaksa. That is why it is said
"Dubbiin makmaaksa hin qabnee fi iittoon soogidda hin qabne tokko", roughly translated, "Speech without proverb (Makmaaksaa) is just like Stew without salt".

*A people without the knowledge of their past history, origin and culture is like a tree without roots (Marcus Garvey) * Namni duuba Seena, madda sanyii fi Aadaa isaa hin beekne muka hidda hin qabne wajjin wal fakkaata (Marcus Garvey).

Kuusaa makmaaksaa:

Abba hin qabdu akaakyuuf boochi Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi'aawu Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee Abjuun bara beelaa buddeena abjoota Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti Afaan dubbii bare bulluqa alanfata Afaan gaariin afaa gaarii caala Afaanii bahee gooftaa namaa ta'a Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa Akkuma cabannitti okkolu Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi ama of komatu namni hin komatu Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin Ana haa nyaatuun beela hin baasu Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti Asiin dhihoon karaa nama busha "Aseennaa natu dide, kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta'a laata",jette intalli haftuun Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niiti ishee hamatti Bakkka oolan irra bakka bulan wayya Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa Barri gangalata fardaati Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku

Kan abbaan quba kaa'e oromi(namni, halagaan) dhumdhuma kaa'a Kan afaanii bahee fi kan muchaa bahehin deebi'u Kan bishaan nyaate hoomacha qabata Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal'isii Nama gorsiti. Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane. Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo'aa jiraata Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse Kan hanna bare dooluutu sosso'a Kan hordaa natti fiiges, kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du'uuf edda fayyitee booda Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu Kan namni nama arabsi irra, kan abbaan of arabsutu caala Kan of jaju hin dogoggoru Kan quufe ni utaala, kan utaale ni caba Kan tolu fidi jennaan, sidaama biyya fide Kan tuffatantu nama caala, kan jibbanitu nama dhaala Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti Kan waaqni namaa kaae cululleen hin fudhattu Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon Karaan baheef maqaan bahe hin deebi'u Karaan sobaan darban, deebi'iitti nama dhiba Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa Karaa fi halagaatu gargar nama baasa Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata Keessa marqaa boojjitootu beeka Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya Kokkolfaa haati goota hin seetu Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni

Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti Bishaan gu'a gahe nama hin nyaatiin, namni du'a gahe si hin abaariin Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe Bishingaan otoo gubattuu kofalti Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka Buna lubbuuf xaaxa'u warri naa tolii kadhatu Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu Dabeessa uleen (jirmi) shani Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu Deegan malee waqayyo hin beekani dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba Dhuufuun waliin mari'atanii dhuufan hin ajooftu Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu Du'aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe Dubbii baha hin dhorkani galma malee Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi'ani Duulli biyya wajjinii godaansa Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani Edda waraabessi darbee sareen dutti Fagaatan malee mi'aa biyyaa hin beekani Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin Firri gara firaa jennaan kal'een gara loonii jette Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan

mar'ata Kursii irra taa'anii muka hin hamatani Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha Lafa sooriin du'e baataatu garmaama Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu'a Laga marqaa jennaan ijoolleen fal'aanaan yaate Lama na hin suufani jette jaartiin qullubbii hattee Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatte jedhe, maal kanfala jennaan, eenyuisa gaafata jedhe Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baafti Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan Maal haa baasuuf dhama raasu Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani Maraatuun jecha beektu, waan jettu garuu hin beektu Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi Marqaan distii badaa miti, irri ni bukata, jalli ni gubata Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu'a Mataa hiyyaassaatti haaduu baru Midhaan eeguun baalatti hafe Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu Morkii dhaaf haaduu liqimsu Nama foon beeku sombaan hin sobani Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata Namni beela'e waan quufu hin se'u Namni dhadhaa afaan kaa'an, dhakaa afaan nama kaa'a

eessumni koo farda jette Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema

Namni gaafa irrechaa duude, sirba irreechaa sirbaa hafa Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu Namni nama arabsu nama hin faarsu Namni badaan bakka itti badutti mari'ata Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du'a Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko Niitiin dhirsaaf kafana Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati Niitiin afaan kaa'aami'eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabne Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya Obsaan aannan goromsaa dhuga Obsan malee hn warroomani Ofii badanii namaa hin malani Of jajjuun saree qarriffaan udaani Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan Okolee diddu okkotee hin diddu Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka Ollaafi garaan nama hin diddiin Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa'aa keetu bushaa'a Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen Otoo garaan tarsa'e jiruu, darsa tarsa'eef boossi Otoo farda hin bitiin dirree bite Otoo fi eegeen gara boodaati Otoo garaan dudda duuba jiraate, qiletti nama darbata Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdi Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti

Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani Gara barii ni dukkanaa'a Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessawarri qophumaaf se'u Gaashatti dhuufuun daalattii dha Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju Goomattuuf goommanni hin margu Goondaan walqabattee laga ceeti Gowwaa wajjin hin haasa'iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota Gowwaan gaafa deege nagada Gubattee hin agarre ibiddatti gamti Guulaa hin bitiin jiilaa biti Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti haadha laalii intala fuudhi Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi Hanqaaquu keessa huuba barbaada Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa Haati hattuun intala hin amantu Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte

Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa Hantuunni haadha jalatti adurree qabaa barti Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani Harki dabaruu wal dhiqxi Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu Kan harree hin qabne farda tuffata Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa'u jette waraabessaan Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu Hidda malee xannachi hin dhiigu Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase Hidhaa yoo tolchan, gadi garagalchanii baatu hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce'a Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti Intallii haati jajju hin heerumtu Itti hirkisaan kabaa hin ta'u Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti

Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti Qabbanaa'u harkaan gubnaan fal'aanan Qabanootuharkaa, hoo'itu fal'aanaan Qabeenyi fixeensa ganamaati Qalloo keessi sibiila Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti Qarri lama wal hin waraanu Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa'a

Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde


Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaan, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedhe Raadni harree keessa ooltedhuufuu barattee galti Saddetin heerume jarjarrsaa akka baranaa hin agarre jette jaartiin, salgaffaa irratti waraabessi bunnaan Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya Sareen duttu nama hin ciniintu Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba Sareen warra nyaattuuf dutti Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti Shanis elmamu kudhanis, kan koo qiraaciitti jette adurreen Sirbituu aggaammii beeku Sodaa abjuu hirriba malee hin bulani Soogidda ofiif jettu mi'aayi kanaachi dhakaa taata Sombaaf aalbee hin barbaadani Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee, cabaatti nyaatti Takka dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha Tufani hin arraabani

Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu Jabbiin hootu hin mar'attu Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa Jarjaraan re'ee hin horu Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina Jibicha korma ta'u elmaa irratti beeku Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa Mishaa jiruu badaa hin nyaatan badaa jiruu agabuu hin bulan. Dubartiin qoonqoo tolchiti malee dubbii hintolchitu. Intaloon namuma, badiin dhabuma. Dubartiin mootii; waaqni mootii; lafti mootii. Haadha dhabuu manna,haadha dhabduu wayya Haatiifi bishaan hamaa hin qaban. Dubartiin beektuu hin qabdu beekaa deessi malee. Dubartiifi ijoollen gara golaa. Dubartiifi lubni keessummaa hin qabdu. Dhiyaatteef qilee hin utaalan,bareeddeef Intala haadhaa hin fuudhan. *waan waaqaa hin beekanii, haadha waaqoo naan jedhaa*jette dhabduun. *haadha duutee manna haadha maraatte wayya *namni haadha qabu nama waaqa qabu. *michuu haadha ormaarra badduu haadha ofiiwayya. *haati harma guuti malee harka hin guutu. *abbaan gindoo haati gingilchaa. namaa dhiifti jechuu kooti. *haati ofii kafana ofiiti. *nyaanni soogidda malee, manni dubartii malee hin tolu ykn hin bareedu.

Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata Waa'een garbaa daakuu fi bishaani Waan ergisaa galu fokkisa Waan jiilaniin kakatu Waan kocaan kaa'e allaattiin hin argu Waan namaa kaballaa malee hin quufani Waan samii bu'e dacheen baachuu hin dadhabu Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi

Waan warri waarii hasa'aan, Ijoolen waaree odeesiti Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi Wali galan, alaa galan Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee Warra gowwaa sareen torba Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi'a Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan Yoo boora'e malee hin taliilu Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re'eetiin Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu yoo ta'eef miinjee naa taata jette intalli Irbaa duraa, gursummeettiin mooyyee qoraafti. Dhadhaa jedhanillee keennee, ilma jedhanillee deennee, raasuu hanqadhemo, kaayuu hanqadhemoo, qayyachuu hanqadhe? Jette haati manaa hangafti. Gamureettii kottee; gursummeettii kokkee, jetteenii jennaan, ciicoo golaa fuudhanii, situffannaan na fuudhanii jetten. Masaanuun maandhaa ta hangafaatiin. Aayyaan buutii raaftee, aabboon buutoo bitee, yaa rabbi, saa kiyya cimisiif sabaree kiyya cinqisi. Ta qaawwa qabdu qaaqa hin dhabdu.

*dubartiin faaya/gaachana dhiiraati. *sooqqiddi mootii dhagaaati,dubartiin mootii namaati.

*kaamettiin waan bona keesse ganna nyaatti. *kan dubartiin ergite dua hin sodaatu. *beerri dhiirsa due dhiisii saa gueeyyuu hin beektu. *beerri dhiirsa duerra saa gueef bootti. *fuudhaniifii niitii hin taatu;niitiin tama dhiirsaaf naatu. *kan hang ofii beektu dhiiraan maqoo hin teettu *kasaraafi dubartiin jilbaa gaditti. *muramtee dhiiraaf didee, gumaa sagalii mammaaksumaan fixe. Jette jaartiin. *isiinuu horii horiihin qadhaabbattu. *nadheeniif fardoon galgala baddi.*garaan wal hin beekne malkaan martinuu kakuu. *haadha gowwaa deesse hidhiin maa. *harreen ufiifuu hin galtuu looniin galtii. *ilmoo bineensaa faanti garra hallayyaaati. *ka maal qabdu sareen darbaa qabbaneeffatti. *nama deemeef nama deegetu waa arga. *Namni bara minilikii gurra dude, bara Hayilasillaasee hadaraa Minilikii jedha. *namni lafatti wal sodaate, muka waliin hinkoru. *namni xirree jaldeessaa deeme, qilee bua. *otteen mukaa ufiillee hin baatu, marqallee hin baaftu. *qotiyyoon qabii hin qabuu harka kollaasse arraaba. *saa ufhodhuu fi abbaa ufsobu hin dandaan. *kanneen itti aanan weedduu fi weelluu arsiiti. *Asii mitii gadii lallabanii Anaa mitii garaa dadhabanii

Ani maaf dubartii tae Kan badduu hin hojjanne, ati maaf dhiira taate ka badduu ani hojjadhe naa hin obsine? Beeraaf ijoolletti iciitii hin himani. Tiruun Kan jaalatantu nama hudha. Beerri yookaa nyaattee garaaa qabdi; yookaa olkaaattee golaa qabdi. Mootummaan dubartiii bishaan ol yaafti. Dubartiin yoo dhugaa argattes yoo dhabdess ni bootti. Ofiifuu ciniinsifattaa, achumaan loon kiyyallee naa eegi. Jedhe namtichi haadha manaatiin. Gargaarsa argannaan garbittiin majjee dhoksiti. Amma teenyu intala haa dhalchinuu. Intal qaraateefi farad maraate jalaa nu baraari. Intalti barattee fi lukkuun balaliitee eessa geessi. Anuu badee intala taee, badii lammaffoo intala daee. Jette intalti intala deesse. Dua beeraa gaafattaa, dhiirattuu lubbuun dhuftee.jedhe namchi. Gadi galtuun sareee guyyaa dutti, gadi galtuun nadheenii aannan dhiirsaa keesse dhugdi. Haatiif gabaan waan harkaa qabdu namaa kennit. Haadha ambaayyuu awwaallee,keenya lafa jala dabarsina. Mataan yaada hin qabne goda;manni dubartiin hin jirre ona. Finni haadha malee manni kabaa malee hin bareedu. Dubartiin shandhee, kuun cabdu kaanitti nyaatani. Namni niitiif nahe irbaanni isaa akaayyii dha. Dubartiin qalbii tokkittii qbdi, sanuu gabaan baati. Shammarraafi harree bonnuu hin dandau. Ta tafa qabduufi ta lafa qabdu gadi hin teessu. Abbaan waaqa; haati lafa; gosti gaaddisa; ilmi gaachana; intalti faaya. Tan dhiirsa mooatte gabaa ceelaate. Dhiira amaaraa fi dubartii oromoo garaa isaanii osoo hin argin biraa baane. Jedhe xaaliyaaniin. Dubartiin lama: tuuni tama deesse; tuun tama beekte. Namni afur gola tokko galu: abbaa murtii, shiftaa, hattuu fi maraattuu; kana hundaa kan horattu haadha. Dubartiin jajjaboon hirkoo dhiiraati. Dubartiin mana hin ijaartu gola jaalala; nama hin awwaaltu booya jaalala. Gursummeettii fuuti Nama hin geettu; galchaan Nama hin hanqattu. Laafaa reebi jennaan jaartiin tiruu reebde. Faradoon lachuu teenna, nu lachuu lafoo deemna, eebada qalbii teenna jette jaarsonni Bara haaylasillaassee ciisanyaa gabbartu. Gowwaan bakka itti bade warra seea. Kooraa waaqni namatti fee finqilli hin buusu. Kormi qaataa due warri saaqama laala. Oduu kabaadhatu hin dadhabin ka baadhatan

Garaa hima hiinaa sabbataan gossinee

Ija attam goona tamidhoo hin obsine. *baale garbuun gayee biilaan caccabe Waan jedhuu dadhabee hanfalaa qaqqabe. *baddaa kana bayaa gala asuu gora Nadha baasoo tiyya akka bishaan horaa. *deebitee karaa kana baataa? Deeemsi kee garaa nama nyaataa.

dadhaba. Sagal dhalee namuu haadha ebaluu naan hin jenne jette sareen. Waliin ooleef wal-hin fakkaatu. Addunyaa kanarratti wanti sodaatamuu qabu tokkoof tokko kophaa dha, innis waaqa kophaadha. Jiruun ilma namaa waalamaan mirkanaaa, issaanis hujii addunyaa tannarrattiif, amantii inni qabateen. Namni ijjannoo mataa isaa hin qabne hantuuta boolla hin qabne. Badhaasa gowwaaa abshaalatu itti fayyadama. Bakka ciisaa agannaan diriirfataaf bootte. Che jedhan, harreen marumatu gurra dhaaba. Dhartuniif dhaleen gaafaan gadi. Yaa garaa jaalalaa Harkaa ulee qabaa

*sulaa sulee jiloo obboleessa shoraa Dkoksee nama dhaanaa Sabbata naaf ergii nan jabeessaa garaa *waaqni jawwee uumte Mannaagashaa gadi congaree sogillee Baga quuncee uumte Kankoo garaan rafee kee garaan maa jirree. Kan jaalala uumte *guraageen goommana hin nyaattu Baga obsa uumte. Gurra kutteeti gurgurti malee *yoo xaafii haamatan Gurraattiin jaalala hinbeektuu Garagalchaa nyaatan Funyaan butteeti gungumti malee. *harka koo sidandaee Kan gajjaa muree gossu Miila koo sidandaee Kan roggee muree galu Ija koo sindandaee Kan allaattii dorgomu Jaalataan onnee hin qabu Garaa koo sindadhabee Marrumaantu raafama Fiigicha baallee qabu Farda bichee guddaa Kan akka baarree cabu. Garaan naraafama *hin sokosa jedheen *maraataan kottee hin qabu Qarrifatu jahaatama Harka hafarsaa kaatan Akka leencaati aadan. Yoo gaarii jaalatan Gar-cabsa yaadan

Sokossuu dadhabee Akka baala agamsaa Sin obsinnaa jedheen Si obsuu dadhabee Akka garaa dhalaa. *yaa mana sooressaa Mataa adurree qabaa Golgee maarigaadhaa *lola calii calanqoo himadhu moo ni dhiisa Manguddoo keenya gatee arriwaan gaara ciisa Dardara keenya fixee filaawaan gaara ciisa Hayyoota keenya gatee bokkuwaan gaara ciisa Kabiirran keenya gatee tasbiiwaan gaara ciisa Shamarran keenya gatee calleewaan gaara ciisa Eessaanan galee rafa dhiigatu garaa naciisa. *allaattiin nyaata barate biiflee/haxxiyyaa harka eeggatte Haati biflee dayattes gala faaruu eeggatte.

Akkuma fiixee gurdaa. *coccophee ruudaee Roobee buuu gaee Gadda kee ruuraee Booyee duuu gaee. *buura guddaa gamaa irra buute qaanqeen Gaafa dilii baqqalaa jaldo gatee gaangee Guddaa guddaa dheessu,si ajabee waankee. *ajjeenillee lafuma,lafa gooddaa dhooqanii Garbichillee namuma baaduu dhuguu dhoorgganii Garbichatti gamaa Garbii citaa haamaa. *birbisallee cirtanii lafa jiraa tuulaa Jabaa jabaa ufgodhaa abbuu henna huuraa Ibidillee hin baasuu amma dugdaan guuraa. *ilaala yoo dhaxanii gara abbaa makkoo Horii alaagee bode wicimmaanuu rakkoo Nuti himuullee hin oollee,teennaa nafaan didanii

*amma kormaan weenniidhaa birbirsa fiixa bule Horii badeef boottaanii oduu jaraa fixanii. Egaa quriin jaldeessaa hallayyaa keessa bulee *guddaan kuttee hin dubbatuu nama araarsa malee Goonni warra keenyaa, janni aayyoon deette, lolaaf dhaadataa bulee. *aayyiyyoo haadha dhiiraa baga goota nadeette Seenaan duruu sifaarsee Gudeetoo ililchi mee yeroon siif lolu geessee. *addeessa duulee,adda dhiira barbaadee Dukkanaan duulee,xurreee faanaan barbaadee Dabeessa wajjiin duulee,qaciicaa lammii tiyyaa Galli gadoo hin baasuu simakkaraarsa malee. *eebooleen qaqallayyoon kan darbaa horani Loltoonni oromoo kan duulaa horani Lubbuu abbaan rabbumaa maaliif mukaan korani. *gaara gaaraan yaamanii Dafaa dafaan yaamanii

lubbuu addaan barbaadee. *gabbadhee karra hin seenuu,qarmammee/kor Aa diigdu malee Beelayee shaashoo/tumaalessa hin quufu mirgoo gorraatu malee

Biyyee biyyaan yaamanii Biyya maqaan yaamanii Guyyaa dubbii ijaa,dhiira lolaaf yaamanii.

Isa kanaaf mee raga Geeraree duwwaa hin galugoota gootaatiin malee. Aanoleen dhaya maqaa. *adiidii jala baarii *yaa ilma haadha maxxee Baatirii qabdi waarii Dura jabboota wajjiin duultee Hima bareede malee bayya hin fiigu magaallii Jaboota kee eessatti dhiifte Bifa biraa dhalateeti barruu tae halaallii Garboota kee qabdee duulteaa Namuu bineensaa nufixaa,goreetii nudhaye amaarrii Nuusoo nuuree qabneerraa. Gurbaa maandhaa fiixolee *yaa joollee,galaanni gannaa gannaa Hobbaafate magaalli. Gaafa guutu hin beekanii *ammallee koofii lolaa Lubbuun gootaa biliqaa Ammallee koofii lolaa Gaafa duutu hin beekanii Qaataa abbaa abdellaa Ijoollee biyya keenyaa Hojjaamessa makkallaa Maal goonnee biyya teenyaa Qabbanoofnee dhumnee yaa mootii abbaa farraa Qabeenyi kan kooti hin jennee Nurratti murteessinaan,murtii duaa namarraa Ajjeefnee mirga hin fuunee Beetteetii nuti murteesitee abbaa nurtii dhamaatuu Ila mirga koo hin jennuu Namni dhibbaa fi shantamaa nama dhiisii,kan waaqallee garaa nyaatuu. *gofti guddaan baddaa jira gomoorrii Mootiin fardaa goljaa hanqisa boorrii Dubbii hin beekuu nama rakkisa moogni Dubbii beekanii sobanii nyaatu hayyoonni Dua namarraa hin oolleef uf hin rakkisu goonni. Sareen gumbii urte kaa Gadheen dubbii dhufte kaa. *maal gaaratti yaafnaree Yaa joollee biyya keenyaa Mee akka waan mirga dhibba qabnuu Maaf geeraraa bulleree

*waraana walitti baasee,waraanaa jedhee kaassee Dhiira harka mursiisee,beera harma mursiisee *mootiin mukaa waa sadii Gaafa firri bulfatu Odaa jilli dhaabatu Tokko muka yaaiiti Isiin biraa caraancaritti mukaa Qottoon maaf hin murre Mootiin ilmaa waa sadii Tokko jaanna dhalata Tokko gamna dhalata Tokko arjaa dhalata Inni biraa dabeessa golfaan maaf hin fudhanne. *farad magaala hin bitu Kan booqaa qabu hin dhiisu Durba magaala hin fuudhu Tan kaarruu qabdu hin dhiisu Wal-lola maaliif jibbuu Jabbii bade barbaada Dullacha kufe kaasa Mucaa due awwaala Booyyeen boorataan maali Kan takka hin caraanin Ilmi abbaan dhalche maali Kan takka hin waraanin. *harka jiruu teessumni cufaa hin banu

Akka waaan mirga qabnuu Maal cal jennee teenyaree Akka waan jibbaa qabnuu Haa geeraru abbaan bunaa Mee inni buna gunfire Mee inni deega gurgure. *geerar,geerar,naan jedhu Eessa abbaa koon geerara Namni yaada yeelalu Attamiin haa geeraru Yaa joollee baddaa baddaa Kan mormi alangaa fardaa Yaa joollee baddaa beegii Bara baraan joore kaa. *kan abbaan buttaa hin qabne Kan haati rakkoo hin qabne Kanafaa ajjeesanii Dhadhaa dibachuun saala. *kan durii dubbii balleesee Abbaa odaa baga duutee Garbichi goommana butee Dhuftu sanyii guddisaatii Sanyii mootii duraatii Tuttumata jedhanis Gatii dhalfaa dhalfaan nyaatu Tuttumata jedhe gooftaan

Qeerrutu baasa baase Mataa jiruu teessumaan boolla hin galu Karkarootu baasa baase Janni hin luuxu

Ilmi abbaa murtii furdaadhaa Diso jahaatama fardi kee.fufa! *galii kee kan waggaa natti himi,jedhe qorataan qotataan Baraan barruu horan,jedhe daldalaan dardaraan

Qeerransatu baasa baase Dabeessi muka hin koru Jaldeessatu baasa baase Tumtuun kolfaa hin deemtu Qamaleetuu baasa baase Daldalaan muka hin yaabbatu Weennituu baasa baase. Albeen abbaan qare abbaa qale,jedhe hayyuun hattuun. Baradhaa mirga keessan eegsifadhaa,jedhe beekaan beeraan. Ijjidhugaa hin laalle hin agartu,jedhe ifaan isaan. Hundeen jireenyaa dhugaa baruumsa,jedhe odeessaan ogeessaan. Qalbii deeguu irra horii deeguu wayya jedhe eebbumaan eessumaan. Dhaamsa! !!!

*yaada sadarkaa artii isaatiifii guddinna ummata keenyaa irraatti.


Artiif guddinna ummata keenyaa yoo waliin madaalle baayee wal hin gitu! Jechuunis haamma ummtichi balatuufi guddatu waliin artii ummaticha yoo ilaallu baayee xiqqaa dha kunis hamma yaadamutti hin guddanne jechuu kooti akka Nama tokkotti. kanaafuu guddinnaa artiif adaa ummata keenyaatiif Nama hundaa irraayuu ammas waan guddatuu eeggama jechuun barbaada. Keessaayyuu namootni baratan kana keessatti gaheen isaanii olaanaa tauu isaa beekanii osoo guddinaafii dagaagina artiifi aadaa ummata keenyaatiif carraaqanii yeroo gabaabaa keessattii waan danuu hojjechuu dandan jedheetan amana.jabaannee
Haa hojjnnuun ergaa kooti.!!!!!!

*eebada harka hojjate,worqii lafa jalaa baasa,eebada harka taae takkattii qabanuu nama harkaa baasa,eebada sammuu barate halkan guyyaa fakkeessa, eebada sammuu hin baratiin guyyaanuu namatti dukkaneessa,kan hinbeekneef guyyaanuu dukkana nama beekutu fafaaf muddama,yaa ijoollee teenya haa barannuu; dukkana keessaa haa baanuu,addunyaan iftuun osoo jirtuu maaf dukkana keessaa osoo hin baanne duunee dukkannatti deebinaa!!baruumsa barannee addunyaa waliin haa jiraannuu,amantii qabannee borullee aakeraadhaan haa gammannuu,baruumsaaf rabbi sammuu nuuf kenneera, amantaafi rabbi ergamaafi quraana nuuf kenneera,hangaee agarsiisee,mandiee dhageessisee haamtuu qabaa mana siif kabaa jedhe waaqni jedha ummanni keenya, rabbi waa hundaa nuuf kenneeraa ,karaa hundaa nutti agarsiiseera karaa sirrii qabannee gaaffii boruu jalaa haabaanuu,sammuufi harka keenyatti fayyadamnee hojjannee haanyaannuun dhaamsa kootii xumuree, rabbi jiruufi aakeraadhaanillee nu haagamachiisu gammachuun naajiraadhaa, horaaa bulaa!!!Set by Benta Sinta.!

1. QABSAAAAN eenyu??????????????????

Eebba Wayta Qophiin adda addaa Eegaluufii xumuramuu:-ummanni keenya qophii sirnootaa adda addaatti ogguu seenuufi Xumurus eebbaan jalqabeeti eebbaan xumuraa.keeyyanni gabaabaan armaan gadii isa kana ibsuuf kan dhihaateedha!!Sagaleessii dubbisii!!

Qabsaaaan ni kufa Qabsoon itti fufa dhiiga gootawwaniin bilisummaan dhufa kan darbe barnoota kan dhufu injifannoo xiiqii diinaaf jecha qeerroon kaane kunoo! Saba koo walii galii oromoo ol kai bilisoomii taai!! Jaallee ko jabaadhu Galma bilisummaa faajjii keenya olqabnee Ittiin geenya amma!! Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsu Daran nu jabeesse lafee diinaa haa cabsu Ya ilmaan oromoo waan ani si gorsu Waan hundumaa dura iccitiin haa dursu!! Haqadha qabanne dhara maal sodaanna Jabaadhaa qabsoofna Inuma injifanna!! Ya jaallewwan qabsoo umrii dheeradhu Lapheen kan kee haatau Ilkaan diinaaf laadhu Waadaa kees eeggadhu!! Diinni duruu diina Fira maaltu jedha jaallee ko jabaadhu,jabaadhu rabbi tokkichatu waan laaftuu nuuf godha! Haqa qabateeti waan dhugaa gaafata qabsaaota dhugaan sabni koon injifata! 2! *tokkummaan human!!Wal haajaalannuu, walii haagalluu, waliif haaamanamnuu, waliif haaquuqamnuu, ormaaf walhinlaannu, walhaabarsiifnuu, walittihaahimnuu. Walhimuuhaadhiifnuu!!1+1<2!!Synergy! 2004.

Hayyee, hayyee, hayyee! Waaqa gurraacha Gurraacha garaa garbaa Leemuu garaa taliilaa Tokkicha maqaa dhibbaa Waaqa Bokkuu gurraachaa Waaqa Ciicoo gurraattii Waaqa uumee Walaabuu Waaqa sagaltama gabraa Waaqa salgan yaaii Booranaa Waaqa torban Baarentumaa Waaqa Caffee tumaa Waaqa shanan Gadaa Oromoo! Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi Irraa gora nu oolchi Dogoggora nu oolchi Daafii sababii nu oolchi Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi Alaa mana nu tiksi Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti! Barri Roobaa nagaa Gadaan quufaa gabbina Gabbisi Waaqi!

#Dubbissis hubadhus!! hiyyumma koo malee...mudaa maalan qaba afaan sobda malee...kanatuu sababa namni dhugaa horiin...jaalala hin bituu har'aa sobuuf jedhee...kan hin qabne hin fiduu waliin hin dhalanne..hiyyumaa koo sanu si dursuu baadhulle....sin qaqqaba beenu lakki na dhaga'ii...dhabuun miti safuu namni hin jijjirama...kufeetoo hin hafuu. karaan soban darban ....galuuf nama dhibaa lammi ofii ganuun....madaallin kijibaa madaan jalalaa...ulfaata akka jirma osoo na jaalatte...ana hin gattu qofaa osoon si abdadhuu...osoon si jaaladhuu goraade na dirtaa...na dhiiste qaaritaa boontuu ilaalladhu...cubbuu seenuf jirtaa !!!numartuu hin teennuu boruu asii deemna daandii dhala boruu maaliif booressina lammii koo wal jaallannaa garaa tokoobaanee eenyu nu argata yoo nu waliif taane!!2!! *BARRUU GABAABDUU TANARRAA WAAN BAAYEE AKKA HUBATTAN NAN ABDADHA.YEROO BIROOS KUUSAALEESEENAA ADDA ADDAA IRRAA WAANAN WAYTA DUBBISU ARGEE YAADA MATAA KOOTIITIINIS BALISEE SEENAA SABA KEENYAA AKKA WALBARSIISNUUF NAN QOPHEESSA. AMMAAF KANUMAAN NAA TURAA ISINIIN JEDHA WARROOTA BARRUU GABAABDUU TANA AGARTANII DUBBIFTAN MARAANUU.SEENAAN SABA KEENNAA AKKUMA UMMATICHAA BAAYEE BALAADHA,BAACOO,MAMMAAKSIIFI WALALOON UMMATA KEENYAA AKKUMA ALII BIRRAA JEDHETTI KAN LAAKKAAMEE HIN DHUMNEE DHA KANA WALHAA BARSIIFNUUN DHAAMSA KOOTII XUMURE!

Quotes about Life


Quotes tagged as "life" (showing 1-50 of 7,798)
Life is an opportunity, benefit from it. Life is beauty, admire it. Life is a dream, realize it. Life is a challenge, meet it. Life is a duty, complete it. Life is a game, play it. Life is a promise, fulfill it. Life is sorrow, overcome it. Life is a song, sing it. Life is a struggle, accept it. Life is a tragedy, confront it. Life is an adventure, dare it. Life is luck, make it. Life is too precious, do not destroy it. Life is life, fight for it. Mother Teresa Jiruun carraa dhaa irraa fayyadami,jiruun midhaaginna ajaaibsii fadhu,jiruun abjuudhaa hiiki,jiruun dorgommii dha dorgomii,jiruun hujii dha xumuri,jiruun rakkoo dhaa injifadhu,jiruun waadaa dhaa guuti,jiruun qabsoo dhaa qabsaaI,jiruun miaa dhaa hin balleessin,jiruun jiruu dhaa ittiin jiraadhu!!Mothere Tresa kanaa ol hiikan an kan naaf gale yaale!!isinillee jiruu hiikuuf yaalaa!!YEROO TOKKO TOKKO GAAFFIIN ULFAATAADHA
GARUU DEEBIIN ISAA SALPHAADHA.quba keenya osoo hin basin qulqullummaa isaa dursinee haa mirkaneeffannuu.duuti jiruu xumurti malee hariiroo hin xumurtu.jiruun matumti isaa tuu ulfaataa dha keessaayyuu yoo ati dadhabaa taate caalatti ulfaataa dha.kanas haainjifannuu haa hojjannuu jechuu barbaadeeti. Nuti wantoota akka jiranitti hin agarru akka ufii jirrutti agarra malee.sodaan duaa sodaa jiruuu irraa dhufti kanaafuu jiruu sodaatuu hin qabnu jechuu dhaan xumura!

You might also like